Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

WALGAHII UMMATA OROMOO KUTAA ABO UK  SIRNA HOWWAA FI MILKIIN GAGGEEFAME.
 

(Madda Oduu ABO/MOA/Gurandhala 18,2009)Walgahiin ummata Oromoo kutaa UK, Guraandhala 14, 2009 magaalaa London keessatti ta'e haala  ho'aan geggeeffamee, marii bu'aa qabeessa godhatee milkiin xumurameera.

Walgahiin kun yeroo dheeraaf hawwiidhaan kan eegamaa ture yommu ta'u walgahicha irratti ummatni  Oromoo heddumminaan laakkaawamanii fi firootni qabsoo ummata Oromoos kan akka bakka bu'oota ummata Sidaamaa, ummata Somaalee, ummata Ogaaden fi ummata Amaaraa argamanii, yaada gumaachaa kennanii Oromoo waliin jabinaan akka hojjechuu qaban irratti waliigalaniiru.

Walgahii kana irratti haala Qabsoon Bilisummaa Oromoo yeroo ammaa irra jiru, adeemsa qabsoo keessatti rakkoolee mudatanii fi haala kamiin furmaatni argamee  bu'aawwan har'a mul'ataa jiran irra akka gahame gadi faginaan ibsameera. Akkasumas  Mootummaan wayyanee QBO laaffisuuf ABO irratti shira keessaa fi alaan xaxaa jirtu irraa dammaqinsaan of eeganii  qabsoo bilisummaa finiinsuun hangam  murteessaa akka ta'e bal'inaan irratti mariihatameera. Hirmaattotni walgahii kanaa Oromoon yeroo kam caalaayyuu ammaan kana tokkummaan wal-ijaaree adeemuu akka qabuu fi kunis dirqama  hundaa ta'uun isaa irratti waliigalaniiru.

Hunda caalaa dhiittaa mirga namaa mootummaan Wayyaanee ummata keenya irratti geggeessaa jirtu dura dhaabachuuf dirqamni ummata Oromoo biyya ambaa guddoo ta'uun isaa hubatamee, kana irratti gumaachi Oromootaa biyya ambaa cimee itti fufuu akka qabu irratti waliigalameera.

Walgahii kana Dr Bayyaan Assoobaa, Miseensi GS-ABO fi Dubbataa ABO, kaayyoo dhaabichi qabatee ka'e galmaan gahuuf adeemsa qabsoo keessatti bu'aa argaman, rakkoo mudatanii  fi  fuldurattis tooftaa qabsoon ittin geggeeffamuu qabu irratti ibsa bal'aa godhanii jiru. Dr Bayyaan, sochiiwwan qabatamaa ammaan kana dhaabichi itti jiru kaasuudhaan fulduratti rakkoo qabsoo keessatti mudachuu  malaniif furamaatni yeroon kennamee akka gufuun qabsoo yeroo yeroon qulqullaawee qabsoon itti fufu hubachiisaniiru.  Haaluma wal fakkaatuun, Dr. Shuggux Galataa, Miseensi GS-ABO fi  Itti-gaafatamaan ABO Godina Awuroppaa, ummatni Oromoo Biyya ambaa qabsoo bilisummaa Oromoo deeggaruuf carraa hedduu akka qabu hubachhiisanii, kanaaf Oromootni biyya ambaa waan biyyaa bahaniif utuu hin dagatiin ABO bira hiriiranii karaa adda addaatiin bilisummaa isaniif akka falmaniif  dirqamni Oromummaa guddoon akka irra jiru hubachiisaniiru. Dhuma irrattis dhaamsa ABO ummata isaaf qabu hirmaattotaaf dabarsaniiru.  Akkasumas obbo Tashaalaa Abarraa, Perezendantii Mana Murtii walii-galaa Oromiyaa kan turan, yeroo ammaa kanatti mootummaan Wayyaanee kallattii hundaan ummata Oromoo mirga isaa sarbee biyya isaa irratti nagaa fi bilisummaadhaan jiraachuu akka dhorke fi Oromoo  tasa ajjeesuun gocha baratamaa Wayyaanee ta'aa akka dhufe ragaa qabatamaa wajjin ibsaniiru.

Waligahii kana kan geggeessan Obbo Barsiisaa Guutamaa yammuu ta'an walgahichis jalqabaa hanga dhumaatti haala qindaawaa fi sirna qabeessaan kan geggeefame yammuu ta'u dhuma irratti walgahiin kun ibsa ejjennoo armaa gadiin milkiin xumurameera.

IBSA EJJENNOO

Walgahii kana irratti hundaawuudhaan nuti Oromootni biyya Ingilizii (UK) jiraannu guyyaa har'aa , Guraandhala 14, 2009, ibsa ejjennoo armaa gadii baafanneerra:

  1. Dhaaba jaalatamaa fi qabsawaan  dhugaa mirga Oromoof falmaa jiru ABO tahuu isaa waan amannuuf, toora hundaan cinaa isaa ni dhaabanna, gaachana Oromoo kan ta'e WBOf deeggarsa goonu cimsinee akka itti fufunus waadaa ni senna.

  1. Gitni bittuun wayyaanee uummata Oromoo humnaan bituu fi umrii ofii dheereffachuuf jecha miseensota fi deeggartoota ABO fi saboota cunqurfamoo biroo mirga ofiif falmataa  jiran sodaachisuu, hidhuu fi ajjeesuu isaa cimsinee ni balaaleffanna. Akkasumas, miseensota paarlaamaa ummatni filate, gaazexessitoota bilisa ta'an fi artistoota dararuu, seera malee hidhuu fi ajjeessuudhaan gochaa mootummaan wayyaanee rawwachaa jiru cimsinee ni balaaleffanna.

 

  1. Gochaa seeraan ala mootummaan wayyaanee Oromoo irraan gahaa jiru keessaa tokko  ummata dirqiidhaan miseensa paartii siyaasaa wayyaanee gochuu, kanneen didan hojiirraa arihuu, hidhuu fi ajjeessuu waan ta'eef gochaa kana cimsinee  ni balaaleffanna.

 

  1. Mootummaan wayyaanee filannoo bara 2010 deemsifama jedhamee yaadamuuf ammuma irraa  eegalee poolisii, abbaa alangaa fi manneen murtii dabballoota adda addaatiiin guutuu, kanneen dura turanis hojii ukkaamsaa sirnichaa qofaa irratti akka leenji'an gochaa jiruu isaa cimsinee ni balaaleffanna.

 

  1. Mootummaan wayyaanee ummata saamichaaf dhaabota daldalaa kanneen akka Baankii, Inshuraansii, Daldala kitaabaa fi  beeksisaa, Geejjibaa fi Warshaawwan gurguddoo dhaabee harka tokkoon hojii daldaltuu harka biraatiin immoo hojii mootummaa hojjechuudhaan saamicha gar malee ummataa fi biyya irratti raawwachaa jiru ummatni  hundi hubatee  akka saaxilu, akka mormu fi dhaabota kana irraa akka hin bitne fi akka itti hin gurgurre ni gaaffanna, gochaa kanas cimsinee ni mormina.

 

  1. Dhaabiilee Miti-Mootummaa (NGOs) fi dhaabota siyaasaa hunda sochii dhowwuudhaan sirna ukkamsanii bituu diriirsuuf jecha mootummaan wayyaanee labsii mirga dhala namaa dhabamsiisuuf baase ni balaaleffanna.

 

  1. Mootummaan wayyaanee, sabboontota Oromoo, beektota Oromoo, abbaa qabeeyyoota fi dargaggoota Oromoo kan hegeree Oromiyaa murteessan  ajjeesuu, hidhuu fi biyyaa ariihuu isaa cimisinee balaalefanna; dhaabbileen mirga dhala namaaf  falmanii fi mootummootni dimokiraatawaan akka nuuf dirmatanis ni gaafanna.

 

  1. Motummaan wayyaanee Oromoota addaan qooduuf, ummaticha saboota biroo waliin walitti buusuudhaaf shira xaxaa jiru ni mormina, ummatni Oromoos biyyaa keessaa fi biyya ambaa jiran kana irratti dammaqanii akka meeshaa diinaa hin taane cimsinee  gaaffanna.

 

Injifannoo Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!

Ummata Oromoo Biyya UK



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net